True love A heartbreaking true story

Wantoota baayyee keessa darbaa ture yeroon sun anaaf yeroo hamaa fi jabaataa ture namootni hunduu anaaf diina koo natti fakkaachaa dhufanii.

Haala kana keessa erga galee kaassee namoota baayyee irraa fagaachaa dhufe. Firoota koo hiriyoota koo maatiiwwan koo irraa otuu yaadiin suuta suuta fagaachaa dhufeen Qofumaa koo filadhee.

Amma qofaa koo oluun qofaa koo nyaachuu qofaa koo waliin haasa’uun anaaf amala koo tahee jira, namoota na bira jiraniif dhimma dhabeen jiraa, magaalaa anii jiraadhuu keessatti bakka bashanana tokkoo yeroo baayyee deemuun natti tolaa.
Bakkii suun baayyee kan cal jedhee waan taheef sagalee namaa badaas hin dhagahaamuu achii dhaqeen qofaa koo waliin yeroo gaarii dabrsee galaa.

Namootni baayyeen natti siquuf yaalanii sababii anii isaan waliin hin haasofneef nuffanii na dhisuu.
Haala kanaan otuu jiruu guyyaa muraasa dura mucaan midhagduu tokkoo naannoo anii qofaa koo taa’uu fageenya xiqqoon teessee jirti. Yeroo jalqabaaf waa’ee namaa yaaduutti kahee callisee ishee ilaalee baayyee waan gaddite fakkaatti.

Itti siqeen baruunii barbaadeen nan sodaadhe guyyaa lammaffaattis sa’aama wal fakkaataan dhuftee intalii qalloon midhagduun suun Har’a ana fuuldura teessee sirritti ishee ilaalaan jira. Aniis isheenis hin dubbannuu callisneema teenya isheen anaan takkallee hin ilaaltuu anii garuu baayyee ishee ilaaluutti ka’ee.

Akkama ta’ee ta’een ka’een ishee dubbisuuf yaalee itti adeemee .. Sii cina taa’uu moo jedheenii jenaan tole jette fuula ifaan ilkaan ishee xiqqoo akka seequu gootee. Aniis natti toleen bira taa’een bilbila koo baaseen tutuquutti jalqabee lamaan keenyayuu sa’aa dheeraa walitti otuu dubbatiin turne.

Takkaa gara ishee garagaleen yeroo ishee ilaaluu imimmaan ishee ija fuula ishee irraa cocoobaa jiraa. Aniis maal taatee jedheenii gaafachuuf yeroo jedhutti isheeniis gara koo ilaalaa harka ishee natti dirirsitee Daraartuu jedhamaa enyuu siin jedhu naan jette? Maqaa koo itti himuuf yeroo ka’uu dursitee anii Seenaa jedheenii siif moggaaseeraa baqaa jettee afaan koo iratti .

Ok Seenaa nagaa keedha naan jettee akka naasuu wayii keessa jiraa rifachuun. nagaa Nagaa koo dha jedheenii. Tolee jettee bilbila koo narkaa fuutee cuftee hassa’ii na waliin jettee ishii….ishiii jedheeni.
Xiqqoo haasa’uuf yaalnee daroon nama miidhama guddaa keessa darbitee tahuu ishee baruun natti hin ulffaanne ana caalaa midhamte jirtii garuu nama gaarii waan taateef ammas namaaf yaada gaariif jaalala guddaa qabdii.

Waa’ee ishee xinxalaa otuu jiruu kaatee sa’aa ishee ilaaltee chaawoo Seenaa koo nan deemaa jettee rifeensa koo tuttuquun na hammattee chaawoo naan jettee deemtee.
Yeroo isheen deemtuu karaa dheeraa hanga ijji koo arguu danda’utti ishee waliin deemee ijji koo callisee otuuma ilaaluu fagaatee argaa koo jalaa.

Bakka isheen na dhiistee deemtee sa’aa dheeraa taa’een ka’ee gara mana kootti galee, yeroo jalqabaaf waa’ee namaa erga yaaduu dhiisee booda waa’ee daroo yaadaa bulee.
Guyyaa 3ffaa sa’aa duraan itti adeemuu durseen bakka sana gahee bakka daroo waliin kaleessa teenyee taa’ee him dhufti jedheen amma amma garagaleen ilaalaa baayyee turtee aniis ishee arguuf baayyee yaadee ture.

Otuma yaadaa jiruu duubaan namnii wayiii foolii urgooftuu midhagaan guutamee barruun harkaa baayyee laafaa ta’een ija koo jaamsuun na qabdee Anii eenyuu jettee?? sagalee midhagaa onnee namaa keessa akka salphaan galuu dandahuun
Aniis yeroo dheeraadhaaf callisee taa’ee homaa hin deebisneefii deebistee Seenaa koo daroo dha ishii naan jettee.

sagalee ishee midhagaa sanaan gara gurra kootti siquun. Ofirra garagaleen ishee ilaalee oooohh daroo baga nagaan dhuftee jedheenii.
Dhuftee nabira teesse…. Dhiifama Seenaa koo nan turre mitii jette… Maaliif akkas akka naan jettu naaf hin galnee. jechuun akkamiin akka ishee dheegaa ture bartee gaaffii natti tahee.

Ammas bilbila koo na harkaa fuutee cuftee gaaffiilee adda addaa na gaafachuutti jalqabdee…. Akka nama waggaa dheedaa dura wal beeknuu natti taatee baayyee kolfaa haasoftii aniis xiqqoo akka kolfuu ta’eefii. Daroon daftee nama waliin walii galtii anaafiis yaada gaarii akka qabduu bareen itti siqeen haasa’uutti jalqabee… Baqaa dafnee walii galnee kana gidduutti bokkaan tiifuu jalqabee jenaan jaakeetti koo baaseen uffiseenii. Natti siquun natti maxxantte teessee.

Bokkaan jabaachaa dhufee sa’aaniis deemaa jiraa kaanee gara manaa galnee karaara haasa’a deemnee mana isaanii bira yeroo geenyuu chaawoo baqaa mana bira gaheeraa jettee bilbila wal jijjirneetuu. na hammatte gara manaatti seente Akkuma jaakeetti koo uffatteen.

Yeroo isheen narraa adda baatuu lakkaa uffatta koo bokkaan jiisee jiraa ,isa nattii qorees kana hundumaa natti dhagahamne ture. Gara mana koo gammachuun qorraaf bokkaa dagadheen keessa adeemee. Mana koo gaheen taateewwan dabarsiinee hundaa bakka cisiicha koo irra ciseen yaaduutti jalqabee.
Kana gidduutti erga sms naa ergitee akkas jedha…
Seenaa koo sitti qorree mitii jaakkeetti kee sijalaa fudhee galee naan jette””

Aniis …akka jadheen Jaakkeetti duwwaa moo??
Waanuma fedheefuu akkas hattuu ta’uu kee otuu baree sitti siquu turee jedheenii.

isheeniis…. Kan biraammoo maal sijalaa fuudhee galee anii koo qalbii qabuum maaloo jettee.

Aniis ..onnee koo fudhattee kaa ..garuu maal siif godhaa onnee koo midhamaa dha , madaa qabaa, rakkoo qabaa, sin fayyaduum sii faalaa malee jedheenii.

Isheeniis… oneen nama baayyee qulqulluu mitii garuu kan kee qulqulluu akka tahee anii beekaa bakka midhamee yoo qabaatee onnee kee naaf laadhuu anii nan yaalaanii jette.

ergaawwan baayyee namtti tolan  waliif erginee halkan guutuu dhuma irratiis boor wal arginaa sii dura dhufeen siin egaa jedhenii gargar baanee.....

Halkan bari’ee guyyaan gahee sa’aatti duraan itti adeemuu durseen bakka kenya sana deemee.
Yeroo baayyee gaafa wal arginuu bilbila na harkaa fuutee waan cuftee keessuuf isheeniis bilbila qabattee waan hin dhufneef aniis har’a bilbila koo kaa’een manaa bahee.

Daroo dheguutti kahee .... Haawwii guddaan dhegaanii jira.... Ijji koo karaa ilaalaa jira.

sa’aan baayyee deemee
aduun dhihaa jira
bokkaan dhufeeraa ammas garuu obsaan daroo dheegaanii jira ammas garuu hin dhufnee keessi koo baayyee gaddee ishee akkas yaaduun koo baayyee na ajaa’ibaa jira.
Obsaan abdiidhaan ishee eeguu hin nuffinee ammas……..
Kutaan lammaffaa itti fufaa daroon hin dhuftii laataa???
Barreessaan Obboleessa keessan Gammachis dha.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *