For true love How do I achieve my vision?

Mul’atni koo akkamittin galma gaa’aa?

kun gaaffii namoota baay’eeti.
Deebiinsaa jalqaba hiika mul’ata
beekuu qabda
beektootni hiika heddu Itti kennaniiru gabaabatti mul’ata jechuun
Borikee har’a arguu jechuudha akkasumalle waanta dhokaataa haguugamee jiru tokko addunyaa hafuuraatin hubachuu jechuudha
Mul’atnikee akkamittin galma ga’uu dandaa’a?

1) mul’atni kee ati. Qabdu sun maaliidha?
2) mul’atakee sana barreessi anbaqom 2:2-3
3) eessatti galmaan ga’uu barbaaddaa?
4) eenyuu wajjin galmaan geessaa?
5) akkamittiin galmaan ga’uu dandeessa?
6) eenyuu wajjin galmaan geessa .

namni si bira jiru mul’takeef yookaan karaa,siif taa’a,yookaan danqaa sitti.taa’aa yookan maqaadhumaaf sibira taa’a..barumsa galgala kanaa irraa kan fudhatameedha
Namni mul’ata hin qabnee fi namni jaamaan wal qixadha.

Akka dhuunfaa keetti akka maatiikeetti ,akka biyyaati mul’ati baay’ee barbaachisaadha.
“Mul’anni hin jiru yoo ta’e, sabni gad-dhiisii in ta’a;…!”
   Fak 29/18 Ariitii Namni ittiin Adeemuu Caalaa Kallattii Namni Irra Adeemutu Fageenya Namni Deemuu Danda’u Mul’isa Akeekas!

  Kallattii Sirrii Hin taanerra Ariitii Guddaadhan Yoo Fiigaan Fageenya Mul’achuu Danda’u Qabachuu Dandeenya Kallattii Mul’achuu Danda’u Garuu Fuula Waaqayyo Duratti Hin Qabaannu!
  Jireenya Keenya Keessatti Kallattii Irratti Waaqayyo Akka Isaaf Milkoofnuuf Barbaadu irraas Fagaachaa Adeemna!

Yeroo Hundumaa Tarkaanfii Tokkollee utuu Hin fudhatiin Waaqayyo Kallattii Faana Keenyaa Akka Qajeelchuuf Waaqayyoon Barbaaddachun Dirqamadha!       

Kallattii Jireenya Keenya  Kamittiyyu Namoota Waa Callisanii Jalqaban,ykn  addaan Kutan, Namootni Waan Harka Nuuf rukutaniif Namoota Adeemaan ta’uun Mallattoo Nama Waaqayyoon Beekuu Miti!

  Waa Murteessuuf  Daandii Namoota Nu BUKKEE irra Adeemaa Jiran Miti Kan Nuti Ilaallee Kan Keenya Murteeffannu Kan Nuti Adeemnu Kallattii Waaqayyo irra Akka Adeemnu Barbaade Qofa irratti ta’uu Qaba!

Obboloota Koo isin Akka Waaqayyo isin Qajeelchuuf Waaqayyoon Hin Gaaftattu? Hafuurri Qulqulluun Kallattii isiniif Laachaa Jiraa??
Waaqayyo Kan nu Qajeelchu Kallattii inni irra Akka Adeemnuuf Barbaade irra yoo Adeemne Qofaadha! Karaa Mataa Keenyaarra Geggeessummaan Waaqayyo Hin Jiru!

  Geggeessummaan Waaqayyo Kan Jiru Kallattii, Daandii Inni Nuuf Kenne Irradha obboloota Koo!  Achirratti Hafuura isaan Nu Qajeelchaa Nu Geggeessa Waaqayyo!

Museen  Waaqayyoon Akkas Jedhe ATI ofiii Keetii Nu Duukaa Hin Adeemtu yoo ta’e asii Nu hin baasiin!  Ba’u 33 ilaaluu Dandeessu!  Museen Biyya sana Jaallate Miti? Karaan Kun Garuu Karaa ATI irratti Nu Wajjin taatu Miti yoo ta’e,Karaa ATI irratti Nu Geggeessitu Miti yoo ta’e asii Nu baasiin Jedha Waaqayyoodhan!!!

Nuti Obboloota Koo Area Life Keenya Kamiinu Keessatti Kallattii Nu barbaachisa, Kallattii Kan Nuuf Kennu Ammoo Waaqayyoodha!

Umuriin Nuti Amma Keessa Jirru Caalatti Hafuura Qulqulluuf Laphee Keenya Bannee Kallattii yeroo itti Isarra Dhageeffachaa Adeemnuudha! 

  Waaqayyoodhaan An Waan Naaf Ta’u hin Beeku,Situ beeka ! karaan irra Adeemuu hin Beeku Na Hubachiisi,Akkuma Garbicha Waaqayyo Musee Karaa ATI irratti Na hin Geeggessine Irra Adeemuu Hin Barbaadu Jennee Waaqayyoon Barbaaddachun Dirqamadha obboloota Koo!!

yoo Akkas ta’e Utuu Adeemnuu Hin Joonjofnu,Waan Goonu Hin Wallaallu ,Kallattiin Nurkaa hin Badu,Gara itti Gorru Hin Wallaallu!

Sababnisa Hafuurri Waaqayyo Sagalee Nu Dhageessisa Waan ta’eef!!  Isa kanarra hin Adeemiin, Kallattii sirriin Isa Kanadha Nuun Jedha!!!  
  
Mee Waan Waaqayyo Saba Xiyooniin Jedhe ni yaadattu?

Isa 30/20 -21 irratti “.inni Barsiisa Keessan Isa Deebi’ee isin Jalaa Hin Dhokanne,Isa isin Ija Keessaniin Argitaniidha!
“Yommuu isin gara mirgaatti yookiis gara bitaatti adeemuudhaaf jettan, sagaleen tokko isin booddeedhaan isinitti dubbatee, “Karichi isa kana, isa irra adeemaa!” utuu isiniin jedhuu gurri keessan in dhaga’a;”
  Isa 30/21

Eenyudha inni Barsiisichi inni Nama jalaa Hin Dhokanne? Hafuura Qulqulluudha !! Karichi Isa kana Isa irra Adeemaa ” utuu inniJedhu Gurri Keessan Dhaga’a Jedha!!  Nama Dhaga’uuf Har’as Hafuurri Qulqulluun in Dubbata!

Hafuurri Waaqayyo Gurra Keenya Isa bakkeedhaan Mul’atu Kanatti haasa’a Miti Obboloota Koo!!  Sagalecha Kan Dhaga’u Gurra Hafuura Keenyaa,yaada Garaa Keenyati!
  Waaqayyo Kallattiidhaan Isin Haa Eebbisu!! May God Almighty Blesses you with Directions!

Maqaa Gooftaa Yesuus Waaqayyo Gooftaan Waan isin Gara Kam irra Goru Jettan Kamiinu irratti Akkuma Abdachiisuu Dubbii isaatti Sagalee isin haa Dhageessisu!  Waaqayyo Kallattii isiniif haa laatu!

Waaqayyo Karaa Dubbii Isatis Sagalee Isaa Nu Dhageessisa obboloota Koo!!
Garuu kana Hundumaa argachuuf Fuula Waaqayyo Duratti Hafuura Dammaqaa,Ija Kallattii Waaqayyo Kennu Argachuuf barbaadu Fi Gurra Sagalee Isaa Dhaga’uuf Waan Waaqayyo Jedhuuf Abboomamuu Nu barbaachisa!!    Waaqayyo Hubannaa Nuuf haa laatu!!
Waaqayyo Gooftaan Bara Keessan haa Eebbisu

INSTALL

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *