Always live in truth and love

Hariiroon bara baraa namni Waaqayyoo wajjin qabu

DHUGAA BEEKUU BIRA HAA GEENYU!

↪️Phaawulos Roomaa boqonnaa 6ffaa akka barreessuuf sababni kutaa macaafa qulqulluu isa Roomaa boqonnaa 5 lakkoofsa 20 irratti, Lafa cubbuun baayʼatetti garuu ayyaanni akka malee baayʼate isa jedhu akka ta’e hundi keenyayyuu ni beekna jedheen amana.

↪️Phaawulos boqonnaa 6ffaa keessatti lafa cubbuun baay’atetti  ayyaanni akka malee baay’ate jechuunkoo cubbuu hojjechuun ayyaana baay’isa jechuu miti jedhee utuunni irra deddeebiidhaan barsiisuu argina.

Dhugumas immoo lafa cubbuun baay’atetti ayyaanni akka malee baay’ate jechuun gaafa cubbuun hojjetamu ayyaanni ni baay’ata jechuu wajjin
tasumaa wal hin argu.

↪️Phaawulos kan inni jechaa jiru abboomamuu diduu Addaamiin sanyiin namaa hundinuu Addaam duuka cubbamoota akka ta’anii fi cubbuu hojjechaa cubbuu jala jiraachaa akka jiran isaan barsiisuuf seerri wantoonni isaan cubbuu tauusaayyuu hin beekne cubbuu akka ta’e isaan barsiisuudhaan cubbuun akka baay’atuuf dhufe.

↪️Hariiroon bara baraa namni Waaqayyoo wajjin qabu kan abboomamuu diduu Addaamiin cabe deebi’ee ijaaramuuf ulagaan jalqabaa seerri kennamee cubbuun baay’achuudhaan namoonni cubbamoota akka ta’anii fi cubbuu hojjechaa cubbuu jala jiraachaa akka jiran beekuudha.

Seerichi guddistuu gara ayyaana Waaqayyoo isa nama fayyisutti nama geessudha malee ofiisaatiin nama hin fayyisu,
cubbuu jalaas bilisa nama hin baasu.

↪️Ulagaa 2ffaan immoo isa cubbuu namaa dhoksee/cubbamtummaa jalaa bilisa nama baasee karaa amantii qajeelaa nama taasisuudhaan qajeelummaatti nama jiraachisu ayyaana.

Ayyaanni kun baay’innisaa akka cubbuu Addaam hojjetee sanaa miti or isarra waan baay’ee caaluuf erga nama qulqulleessee booddee cubbuu nama gansiisee qulqullummaatti kan nama jiraachisudha jechuukooti utuunni jedhuunii argina.

↪️Sababii isaan akka malee/cubbuu hojjechuun ayyaana baay’isa jedhanii dogongora isa hubataniif boqonnaa 6 irratti waa’ee cubbuu jalaa bilisa bauudhaan cubbuu hojjechuu dhiisuu waan isaan irraanfatan utuunni yaadachiisuunii argina.

Cubbuu hojjechuun tasumaa ayyaana hin baay’isu. Dhagni inni cubbamaan akka balleeffamuuf, nuyis akka gara fuulduraatti garboota cubbuu hin taaneef namummaan keenya inni moofaan Kiristoos wajjin akka fannifame hin irraanfatiinaa.

Cubbuu jalaa bilisa baanee jireenya haaraa akka jiraannuuf cuuphaadhaan du’a Kiristoos keessatti hirmaannee isa wajjin akka awwalamne beekaa! Namni du’emmoo cubbuu jalaa bilisa, akkasumas cubbuun tasumaa nama du’erratti gooftummaa akkanni hin qabne beekaa!

↪️Akkuma Kiristoos duʼa duʼe sana siʼa tokko yeroo hundaaf cubbuuf duʼe; jireenya jiraatu sana garuu Waaqayyoof jiraatu, Isinis akkasuma cubbuuf duutaniittu waan ta’eef akka cubbuuf duutanitti, Kiristoos Yesuusiin garuu Waaqayyoof jiraattota akka taatanitti of lakkaa’aa.

Akka warra duʼarraa gara jireenyaatti fidamaniitti Waaqaaf of dhiʼeessaa malee kutaa dhagna keessanii miʼa jalʼinaa gootanii cubbuuf hin dhiʼeessinaa; garuu kutaa dhagna keessanii miʼa qajeelinaa godhaatii Waaqaaf dhiʼeessaa.

↪️Fedhii cubbuu isa hamaadhaaf akka hin ajajaamnettis cubbuu dhagna keessan irratti hin moosisinaa.

Nama tokkorratti cubbuun kan inni gooftummaa qabaachuu hin dandeenye gaafa namni seera isa cubbuu baay’isu jala utuun taane ayyaana Waaqayyoo isa nama fayyisee cubbuu nama gansiisu jala gaafa jiraatudha, isin immoo warra ayyaanicha jala jirtanidha utuunni jedhuunii argina.(Rom.6 ,1/14)

↪️Kanaaf egaa nuyis akkuma macaafni jedhu cubbuu hojjechuun tasumaa ayyaana akka hin baay’isne haa beeknu.
Dhagni inni cubbamaan akka balleeffamuuf akkasumas nuyi garboota cubbuu akka hin taaneef namummaan keenya inni moofaan Kiristoos wajjin akka fannifame haa beeknu.

Namni tokko cubbuu jalaa bilisa bauu kan danda’u gaafa du’uudha waan ta’eef cubbuu jalaa bilisa baanee jireenya haaraa akka jiraannuuf cuuphaadhaan du’a Kiristoos keessatti hirmaannee isa wajjin akka awwalamne haa beeknu.

Kiristoos wajjin cubbuuf duunerra waan ta’eef cubbuuf akka duunettii fi karaa Kiristoos Waaqayyoof jiraattota akka taanetti of haa lakkoofnu. Hojii fayyinaa Yesuus fannoorratti hojjeteen du’arraa gara jireenyaatti waan dabarfamneef kutaa dhagna keenyaa mia jal’inaa goonee cubbuuf utuun taane mia qajeelinaa goonee Waaqayyoof haa dhiyeessinu.

↪️Phaawulos Roomaa boqonnaa 6 lakkoofsa 15 hanga 23 akkanni barreessuuf sababni dubbii inni lakkoofsa 14 irratti dubbate isa “Isin ayyaana jala malee seera jala hin jirtan” jedhu akka ta’e hundumti keenyayyuu ni beekna jedheen amana.

↪️Isaan(Yihuudonni Kiristoositti amanan kan Roomaa keessa jiraatan) ayyaanaa fi hojii ayyaana waan sirriitti hin hubanneef seera jalaa bilisa ba’anii ayyaana jala jiraachuun cubbuu hojjechaa akka barbaadanitti jiraachuudha jedhanii hiikkatani.

↪️Garuu Phaawulos dhugaan jiru seerri cubbuu waan baay’isuu fi cubbuuf humna waan kennuuf namni gaafa seera jala jiraatu cubbuun akka nama sanaarratti gooftummaa qabaatu fi gaafa ayyaana jala jiraatu garuu cubbuun nama sanaarratti gooftummaa qabaachuu akka hin dandeenye ifaan ifatti ibsaaf.

↪️Fakkeenyaf namni tokko cubbuu gara duʼaatti nama geessuuf gaafa of kennu garba cubbuu akka ta’u beekaa yookaan immoo ajajamuu gara qajeelummaatti nama geessuuf gaafa of kennu garba qajeelummaa akka ta’u beekaa. Isin utuu ayyaanni hin dhufiin yeroo seera jala turtan garboota cubbuu turtanii amma garuu Waaqaaf galanni haa ta’u barumsa ayyaanaa isa itti kennamtan sanaaf garaa guutuudhaan waan ajajamtaniif, cubbuurraa bilisoomtanii garboota qajeelummaa taataniittu.

Utuu Kiristoositti amantanii ayyaana Waaqayyoo jala hin galfamiin akkataan jireenya keessanii dhumnisaa du’aa, bu’aa tokkoyyuus kan hin qabnee fi kan nama qaanessu ture. Amma garuu cuuphaadhaan Kiristoos wajjin cubbuuf du’udhaan cubbuurraa bilisoomtanii garboota Waaqaa waan taataniif faayidaan isin garboota qajeelummaa tauudhaan argattan cubbuurratti gooftaa sin godhee gara qulqullummaatti isin geessa, dhumnisaas jireenya bara baraati.

Kanaafuu akkuma kutaa dhagna keessanii xuraaʼummaa fi hammina guddachaa deemuuf garba gootanii dhiʼeessaa turtan sana ammas kutaa dhagna keessanii qajeelummaa gara qulqullummaatti geessuuf garba godhaatii dhiʼeessaa. utuunni jedhuunii argina.(Rom 6/15,23)

↪️Yeroo itti Phaawulosfaatiin Wangeelli ayyaana lallabamuu eegalee kaase hamma gaafa Yesuus deebiee dhufutti barichi tokkuma maqaansaas bara ayyaanaa/bara hafuura qulqulluu jedhama.

Dhugaan jiru garuu nuufis akkuma Phaawulos Yihuudota amananiif ibsedha jechuunkoo barri seeraa guutummaan guutuutti raawwatameera waan ta’eef nuyis ayyaana Waaqayyoo jala malee seera jala hin jirru. Ayyaana Waaqayyoo jala malee seera jala hin jirru jechuun immoo cubbuu hojjechaa akka barbaannetti jiraachuu jechuu miti.

↪️Hiika ayyaanaa fi hojii ayyaanaa sirriitti beekuutu nuuf ta’a.

Jechuunkoo ayyaanni Waaqayyoo Waaqa malee jiraachuu fi hawwii addunyaa ganuun bara kana keessa jireenya of qabiisaa, jireenya qajeelummaa fi jireenya Waaqatti buluu akka jiraannu kan nu barsiisudha. Kanaafuu amanan tokko kan inni cubbuurratti gooftummaa qabaachuudhaan cubbuu hojjechuu dhiisee qulqullummaatti jiraatu, cuuphaadhaan du’a Kiristoosittii hirmaatee seera qubee isa barreeffamee kenname jalaa bilisa bauudhaan seera isa keessa namaatii burquu fi seera isa seerri qubee irraa dhufe seera hafuura qulqulluu jala/ayyaana Waaqayyoo jala gaafa Waaqayyoon galfamudha.

↪️Nuyigaa hojii fayyinaa Yesuus Kiristoos fannoorratti hojjeteen karaama seerichi heyyemuun seeraaf du’uudhaan seera qubee isa caafame kenname jalaa bilisa baanee seera hafuura jireenyaa(seera hafuura qulqulluu) isa qulqullummaatti nama jiraachisuu fi isa ija nama naqachiisu jala Waaqayyoon galfamneerra.

Kanaafuu akkuma macaafni jedhu kutaa dhagna keenyaa qajeelummaa isa gara qulqullummaatti geessuuf garba goonee haa dhiyeessinu.
Naa eebbifamaa!

INSTALL

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *