love yourself and be yourself

↪️Gaggeessummaan uumamaan namaaf kennama moo barnootaan/shaakalaan argama?:

Yaadni kun ogeessota baay’eedhaan irratti mormamaa turamee jira. Yaadni lamaanuu yaada salphaa miti. Haa ta’uu malee wal mormii fi qorannaa baay’ee booda yaadni irratti waliigalame “gaggeessummaan karuma lamaaniin argama (nature and nurture)” kan jedhuudha. Namni tokko amaloota gaggeessummaa (leadership qualities) qabatee dhalata (nature).

Haa ta’uu malee amaloota kanneen irratti hojjatee guddifata. Gama biraatiin immoo namootni tokko tokko haala yookiin naannoo keessa jiraatan irraa gaggeessummaa ni baratu (nurture). Kanaafuu, karaalee gaggeessaan tokko itti argamu lamaan kana hubachuun gaariidha. Hunda caalaa garuu guyyaa guyyaan cimanii irratti hojjachuun gaariidha.

↪️Namootni gita gaggeessummaa (leadership position)

Irra jiran gahee isaanii bahaa jiruu?: Yaadni kun yaada akkanumaan lafaa ka’anii dubbatan osoo hin taane yaada qorannoo barbaaduudha. Wanti tokko qorannoon irratti gaggeeffameetiidha kan dhugaadha yookiin dhugaa miti kan jedhamu.

Haa ta’uu malee wantoota ofii keenyaaf argine irraa kaanee yaada tokko tokko kaa’uun ni danda’ama. Gaaffii kana gaafa dubbistan namootni yaadaan gara gaggeessitoota siyaasaa fi waldaa kiristaanaatti deemtan jiraachuu ni dandeessu. Mee achi hin fiiginaa! Koottaa ofii keenya irraa haa jalqabnu. Namoota amma barruu kana dubbisaa jirtan keessaa namni ittigaafatamummaan gaggeessummaa isinitti hin kennamin jira jedhee hin yaadu.

Warri gaa’ela qabdan gaa’ela keessan akka gaggeessitaniif ittigaafatamummaa fudhattanii jirtu. Namootni kuun immoo mana barumsaatti daree barnootaa, kilabii garaagaraa, garee hoj-manee fi kkf akka gaggeessitaniif ittigaafatamummaa fudhattanii jirtu faa ta’a. Kanneen biroo immoo waldaa keessatti, feelooshiippii keessatti, fi kkf keessatti ittigaafatamummaa fudhattanii jirtu faa ta’a.

Mee namootni iddoo garaagaraatti gitni gaggeessummaa isinti kenmame dhuguma akka Waaqayyo isin irraa barbaadutti gaggeessitanii jirtuu? Mee osoo of hin sobin gaaffii kana naaf deebisaa. “Lakkii ani seeraan hin gaggeessine” kan jettan taanaan gaariidha.

Namoota biraatti quba qabuu dhiisnee badii jiruuf ittigaafatamummaa fudhachuu qabna. Namoota afur barsiisi jedhamtee sitti kenname sana seeraan barsiisuu dhiistee amala hin taane akka isaan qabatan goote. Namootni sun deemanii waldaaf abboomamuu diduudhaan gaggeessaa waldaa sanaa akka inni gaggeessaa gaarii hin taaneef maqaa isaa balleessisan. Namootumti kun waajjira mootummaa keessa galanii aangoo argatanii garuu uummata ittiin miidhan.

Nuuti garuu balleessaa ofii keenyaa dhoksinee abalu akkas godhe jennee quba namatti qabaa oolla. Nama nuuti jal’isnee guddisnetu boru bulchaa aanaa ta’a. Nama nuuti waan hin taane barsiisnetu boru ministeera barnootaa ta’a. Nama nuuti fakkeenyummaa gaarii itti hin agarsiisinitu boru soortuu (pastor) ta’a. Yeroo kanatti immoo wanti hunduu ni bada.

Qulqullummaan of irraa jalqaba. Gaggeessummaan gaariin of gaggeessuu irraa jalqaba. Nama ofii isaa gara waan gaariitti gaggeessuu hin dandeenyetu boru namoota kumaatamaan lakkaa’aman gaggeessuuf hiixata. Ofii isaa seeraan gaggeessee waan gaarii irratti nama bobbaasuu hin dandeenyetu boru aangoo qabata. Yaa obboleewwan koo! Mee namoota birootti quba qabuu dhiisnee ofii keenya haa ilaallu.

Waan hamaa (xuraa’aa) amma keessa jirtu keessaa of baasuu kan hin dandeenye akkamitti boru namoota baay’ee rakkina keessaa gara jireenya barbaadamuutti baasuu dandeessa? Nama tokko akka gaggeessituuf siif kennamee kan gaggeessuu dadhabde boru osoo waldaan yookiin gandi, godinni, aanaan, biyyi, …isinitti yoo kenname akkam gootanii gaggeessitu? Gaggeessummaan waan boru dhufu osoo hin taane waan har’a shaakalamuudha. Nama sa’aatii waldaa kabajuu hin dandeenyetu boru ittigaafatamummaa guddaa qabata. Hundaafuu dhimma gaggeessummaa barruu gabaabaa kanaan dubbannee xumuruu hin dandeenyu. Haa ta’uu malee qabxii ijoo muraasa argannaan isin gaha har’aaf.

INSTALL

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *